Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa keenya cimsannee qabeenya uumamaa qabnu diingdeetti jijjiiruun fayyadamummaa uummaaaf ni hojjanna – Dooktar Abiy

Finfinnee, Bitootessa 11, 2013 (FBC) – Tokkummaa keenya cimsannee qabeenya uumamaa qabnu diingdeetti jijjiiruun fayyadamummaa uummaaaf ni hojjanna jedhan Muummee Ministiraa FRDI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy ijaarsa Proojektii misooma haroo Wancii Dandii har’a eegalchiisaniiru

Haroo Wancii fi Dandii misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuuf hirmaannaa uummataa, abbootii qabeenyaafi mootummaan hojiin jalqabame cimee iti fufuu qaba jedhan Dooktar Abiy.

Sagantaa eegalchiisaa Ijaarsi proojeektichaa irratti Muummee Ministiraa FRDI Dooktar Abiy, preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oroniyaa obboo Shimallis Abdiisaa fi qondaaltoonni federaalaa,naannoo Oromiyaa akkasumas hawaasni naannawwicha argamaniiru..

Haroo Wancii fi Dandii misoomsuun iddoo hawwata turizimii gochuun ooromiyaas ta’ee Ityoophiyaa misoomsuuf akeeka jedhan.

Milkaa’insa ijaarsa proojeektichaaf abbootiin qabeenyaa, hoggansi fi hawaasni ga’eessa akka ba’aan ergaa dabarsaniiru.

Haroo Wancii fi dandii uumaan uumamaan Oromiyaaf kennus,itti fayyadamaa hin turre amma tokko tanee hojiin mirkaneesina jedhan preezdaanti naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Hogganaan proojekticha fi Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaaay gama isaaniin dhaabbilee ijaarsaa waliin proojektichi yeroo jedhametti xummuramuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Proojektiin misoomaa haroo Wancii fi Dandii naannoo Oromiyaa godina Shawaa kibba Lixaatti hojjetamu, proojektoota sagantaa maaddii biyyaan ijaaraman isa sadaffaadha.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.