Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuun imala badhaadhinaa naannichaa itti fufsiisna – Obbo Geetuu Wayyeessaa

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) –Tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuun imala badhaadhinaa naannoo Hararii itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Naannoo Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaan ibsan.

Obbo Geetuu Wayyeessaa bara bajataa 2016 xumurame keessatti yaadota jijjiiramaa milkeessan hojiirra oolchuun, duudhaalee obbolummaa fi wal deeggarsa ummataa dagaagsuun, nagaa lafa qabsiisuu gama hundaan milkaa’inoonni jajjabeessan galmaa’uu himaniiru.

Paartichi gama hojii tokkummaa yaada, gurmaa’insaa fi raawwii ergamaatiin haala gaarii irra jiraachuu eeraniiru.

Bara bajataa 2017 eegalame keessatti miseensotaa fi ummata hirmaachisuun hojiiwwan jajjabeessoo eegalaman cimsuu fi itti fufsiisuuf kan hojjetamu tahuu himaniiru.

Gara fuula duraattiis hannaa fi malaammaltummaa ittisuuf tattaaffiin taasifamuu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Paartii cimaa uumuun, dimokiraasii keessoo fi iftoomina hojmaataa lafa qabsiisuun, akkasumas sirna hordoffii fi to’annoo haala barbaadamuun mijeessuuf tattaaffii taasifamuun cimsee itti fufa jechuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.