Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa fi waliin jireenya cimsanii itti fufuun barbaachisaadha- Obbo Dassitaa Leeddaamoo

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) – Tokkummaa fi waliin jireenya cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uu Preezdaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo ibsaniiru.

Ayyaana Fiichee Cambalaalaa haalaan kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachisaa ta’uu haasawaa kabaja ayyaanichaarratti taasisaniin ibsaniiru.

Dhalattoota saba Sidaamaa ayyaanicha eeguun har’aarraan ga’an galateeffataniiru.

Haala fooyya’aa fi hawwataa ta’een ayyaanicha kabajuu keessaniif baga gammaddan jechuun hirmaattota ayyaanichaaf dabarsaniiru.

Hiyyummaa injifachuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu haasawa taasisaniin kaasaniiru.

Ayyaanichi kan wal dhaban kan itti araaraman, tokkummaan kan itti cimuu fi dhala namaaf kabajni kan itti laatamu ta’uu eeraniiru.

Ayyaanichi guyyoota 15’f kan itti fufu ta’uu fi qophiiwwan garaagaraan kan kabajamu ta’uu ibsaniiru.

Birhaanuu Gaashaaw, Biqilaa Tufaa, Taammanaa Araggaa fi Dabriituu Bazzaabihitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.