Tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qaba – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (FBC) – Tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Seenessa dabsuu biyyarratti baname duubatti deebisuu fi qolachuuf tokkoon tokkoo Ityoophiyaanotaa qoodasaanii akka ba’an Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.
Ityoophiyaanonni qaamoleen gaarii Ityoophiyaa hin barbaanne seenessa dabeen biyyattiirratti waraana banuu isaanii dagachuu hin qaban jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.
Hojii seenessa dabsuu hojjetamaa jiru qolachuuf tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa qooda isaanii ba’uu akka qaban ibsaniiru.
Tokkumma sabdaneessaan seena mataa keenya ofii keenyaan ni hojjenna jechuun ergaa dabarsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.