Fana: At a Speed of Life!

TOI hundeeffamaa waggaa 80ffaasaa kabajaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC)- Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa hundeeffamaa waggaa 80ffaasaa kabajaa jira.

Sirna kabajichaarratti Muummeen Ministira Abiy Ahimad, Etamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Fildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abraahim Balaay dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Sagantichi agarsiisaa suuraa, marii paanaalii fi sagantaalee biroo kan kabajamuu ta’u ibsameera.

Seenaa jalqabaa biyya keenyaafi ardii keenyatti Tajaajillii Oduu Ityoophiyaa hundaa’e, Miidiiyaa seena qabeessaafi angafaati jedhan.

Oduun bu’uura seenaati, oduun walitti hidhamuun seenaa barootaa ta’a.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad saganticharratti haasawaa taasisaniin, Miidiyaa akka Tajaajillii Oduu Ityoophiyaa dhugaaf dhaabbate, ejjannoo qaban bira dhaabbachuun deeggaruun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Galma Tajaajila Oduu Ityoophiyaa kan ta’uu qabu dhugaa fi waan biyyaaf fayyaduu hojjechuu irratti cichuudha, kunis muuxannoofi ogeeyyii buleeyyiirraa kan eeggamuu waan ta’eefi jedhaniru.

Oduu jechuun dhugaa kan qabu, gaarummaa kan qabuufi kan fayyadu ta’uu qaba; yeroo darbee kan hubachaa argaa dhufnee soba oomishamaa turedha; kanaaf hojjattonniifi Maaneejimantii buleeyyii Tajaajila Oduu Ityoophiyaas isa kana galmaan ga’uu qabduus jechuun dhaamaniiru.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.