Fana: At a Speed of Life!

Tiraampirratti ammas yaaliin ajjeechaa raawwatamuun gabaafame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC)- Pireezidaantii Duraanii Ameerikaa fi kan ammaa filannoorratti irra deebiin hirmaachuuf morkataa jiran Doonaaldi Tiraampi dirree tapha goolfii isaanii Filooriidaatti argamutti yaalii ajjeechaa fakkaatu irratti rawwatamuun gabaafame.

Yaalii gaggeeffame kanaan miidhaan kan irra hingeenye ta’uu fi shakkamaan to’annoo jala ooluu aanga’oonni Ameerikaa mirkaneessaniiru.

Biiroon Basaasaa Federaalaa Ameerikaa FBI’n Tiraamp dirree keessa utuu jiruu bosona keessaa naannawa fageenya meetira 455’rraa dhukaasni banamuu ibseera.

Boodarra bakka taatechi mudatetti qawween AK47, boorsaa lamaa fi kaameeraan argamuu ibsuu BBC’n gabaaseera.

Polisiin taatecha hordofuun nama bosona keessaa fiigere bahe sana to’annaa jala oolchuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.