Fana: At a Speed of Life!

Tiraampi dhimma dhukaasa dhaabuu Raashiyaa – Yuukreen ilaachisee gita isaanii Raashiyaa waliin mari’achuufi

Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi dhimma waliigaltee dhukaasa dhaabuu Raashiyaa – Yuukreen ilaachisee Boru gita isaanii Raashiyaa waliin mari’achuuf ta’uu beeksisan.

Torbee kana keessa hojiilee hedduun hojjetamuu eeruun, dhimma waliigaltee dhukaasa dhaabuu biyyoota lamaanii ilaalchisee boru oduu dansaan jiraachuu mala jedhan.

Waraana biyyoota lamaanii dhaabuuf marii tibbana Saa’uud Arabiyaatti mari’atamaa ture booda Pireezidaanti Tiraampi miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Mariin boru hoggantoota lamaan gidduutti bilbilaan mari’atamu dhaabbilee Anniisaa fi dhimma lafaarratti ta’uu Pireezidaanti Doonaaldi Tiraampi ibsa miidiyaaleef kennaniin eeraniiru.

Waraana biyyoota lamaanii waggoottan sadi lakkoofsise dhaabuuf wayita tattaaffii olaanaan taasiifamaa jirutti kaleessa galgala Raashiyaa fi Yuukreen haleellaa Diroonii walirratti raawwachuu BBCn gabaaseera.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi waraana Raashiyaa – Yuukreen dhaabsisuuf kana duras Pireezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin bilbilaan mari’achuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.