Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp viizaa lammiilee alaa hojiif biyyicha jiranii ugguran

Finfinnee,Waxabajjii 16, 2012 (FBC) – Tiraamp viizaa lammiilee alaa hojiif biyyicha jiranii ugguran.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp eeyyama hojii fi viizaa hojjettoota lammiilee alaa Ameerikaa jiranii hanga xumura bara Faranjoota 2020tti dhorkan.

Hojjettootni teekinoloojii dandeettii guddaa qaban, gargaartota hojiin qonnaan alaa fi hojii gaggeessitoota ol aanoon murtoo kanaan warra miidhamanidha jedhame.

Waayita Haawus tarkaanfiin kun lammiilee Ameerikaaa sababa weerara vaayrasii koroonaan dinagdeen isaanii miidhameef carraa hojii bana jechuun ibse.

Qeeqxotni ammoo Waayit Haawus weerara kana akka carraatti itti fayyadamuun seera immiigireeshinii biyyattii dhiphisuuf hojjechaa jiru jedhu.

Bulchiinsichi ibsa miidiyaaf gabaabinaan kenneen uggurri murtaa’e kun hanga xumura waggaa kanaatti namoota 525,000 tahan irratti dhiibbaa qaba.

Kun lammiilee 170,000 tahan kanneen eeyyama jireenyaa fi hojii haareffaachuun eeyyama jireenyaa dhaabbataa biyyichatti argachuu danda’an dhorkamanis dabalata.

Waayit Haawus viizaa akkasii akka dhaabu ji’a Eeblaa keessa ibsee ture. Ajajni kun Wiixata kaleessaa xumurama ture.

Tarkaanfii haaraa amma baheen namootni durumaan Viizaa argatanii jiran akka hin miidhamnetu eegama.

Murtoon kun namoota Viizaa H-1B jedhamu qaban irra caalaan isaanii lammiilee Indiyaa kan tahanis hammata.

Isaan irra caalaan isaanii dhaabbilee teekinolojii gurguddaa kan akka Siliken Vaalii keessa kan hojjetan yoo tahu carraa hojii lammiileen Ameerikaa argachuu malan kan isaaniif kennameefis kaffaltii gadi bu’aan waan hojjetaniif jedhama
Waggaa darbe viizaa kana argachuuf namootni 225,000 tahan dorgomaa kan turan yoo tahu carraan hojii bahee ture namoota 85,000’f ture.

Tarkaanfichi namoota viizaa H-1B jedhamu hojjettoota yeroo gabaabaaf argatanis ni miidha.

Kana malee J-1 viizaa jedhamu kanneen barnootaaf viizaa argatanii achuma hojii kanneen akka kunuunsa daa’immanii fi hojii sasalphaa kaan irra hojjetanis ni miidha jedhame.

L-Viizaa kan hojii gaggeesitoota ol aanoo fi hojjettoota murteessoo kaampaanota lammiilee garaagaraa qaban keessa hojjetaniif kennamullee murtoon ni dhorkama.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.