Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp hospitaala ba’anii Waayit Hawusitti deebi’an

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC)- Preezdantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yaalii Covid-19f guyyaa sadii hospitaalatti erga dabarsaniin booda haala hin eegamneen Waayit Hawusitti deebi’aniiru.

Preezdantichi Waayit Hawus fuuldura bakka hojjettootaa fi deeggartoonni isaanii jiranitti maaskii ofirraa baasaniiru.

Tiraamp ‘ammaa haalaa gaariirran jira’ vaayrasii koroonaa hin sodaatina jireenyaa keessanis akka to’atuu hin eeyyamiinaa jechuun fuula Tiwiitara isaaniirratti beeksisaniiru.

Ameerikaa keessatti namoonni miiliyoona 7.4 ta’an Covid-19 yoo qabaman, kumni 200 ol ammoo lubbuun darbeera.

Tiraamp lammiilee Ameerikaa dhukkubicha akka hin sodaanne kan itti himan otoo hospitaala jiraniiti.

Preezdaantichi waggoota 20 darbanillee akkanatti fayyaa ta’een hin beeku jedhaniiru.

Duula dorgommiittis amman deebi’a jechan.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.