Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp duulaa na filadhaa eegalan

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gara duulaa filannootti deebi’aniiru.

Tiraamp vaayrasii koroonatin qabamuun isaanii erga ibsame torbe 2 hin guunne.

Lammiileen Ameerikaa kumaatamatti lakka’aman Filooriidaa fi Sanfoord jiraatan duulicharratti hirmaataniiru.

Deeggartonni Tiraamp dabalataan waggoottan 4f nu hoogganu qabuu jechuun dhaadataniiru.

Bulchiinsota biroo keessaattis guyyoota sadeen dhufaanitti Tiraamp duulaa na filadhaa ni gaggeessu jedhameera.

Akka ragaaleen mul’dhisanitti Joo Baayidaan Tiraampiin qabxii 10n dursaa jiru jedhameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.