Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp ammas Seeneetiin himatamuu jalaa oolan

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Seeneetiin Ameerikaa Doonalad Tiraampiin hokkora kakaasan jedhee himachuuf sagalee 2/3 argachuun kan irraa eegamu ta’us sagalee deeggarsaa kana dhabuun Tiraampiin himachuun osoo hin milkaa’iin hafeera.
Harki caalaan Demookraatatotaa fi Rippaablikaanonni muraasni Tiraamp guyyaa gaafa Amajjii 6 haleellaa deeggartoonni isaanii Kaapitaal Hiil irratti raawwatan kakaasaniiru jechuun Mana Maree Bakka Bu’ootaatti isaan himatanii turan.
Seeneetii teessoo 100 qabu kan dhaabotni lameen qixxee qooddatan keessaa Demookraatota shantama silayyuu Tiraampiin himachuu deeggaraniin dabalataan Ripaablikaanonni 17 osoo itti ida’amanii Tiraamp lamuu aangoo mootummaaf akka hin dorgomnetti himatamuu danda’u ture.
Haata’uuti sagalee sassaabameen Dimookraatonni hundi deeggaranii Rippaablikaanota keessaa ammoo namoota 7 qofatu deeggare.
Kana jechuun sagalee deeggarsaa dabalataa 10 dhabuun Tiraamp himatamuu jalaa oolaniiru jechuudha.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.