Tiraakteroonni qonnaa mootummaan Federaalaa naannoo Tigraayiif erge godinaaleef raabsaman
Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) – Naannoo Tigraayitti hojiin qonna ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuu cimee kan itti fufu ta’uu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Bulchiinsa Yeroo naannichaa beeksise.
Tiraakteroonni qonnaa mootummaan Federaalaa naannichaaf erge 85 har’a godinaaleef raabsamaniiru.
Hojmaata qonnaa ammayyeessuu fi oomishaaf oomishtummaa fi guddisuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa Dooktar Iyyaasuu Abrahaan dubbataniiru.
Makaanaayizeeshiniin Qonnaa oomishtummaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himuun, fedhiin qonnaan bultoonni naannichaa teeknooloojii fayyadamuuf qaban dabalaa dhufuu kaasaniiru.
Tiraakteroonni har’a raabsamanis qonnan bultoota Kilaasteeraan gurmaa’aan fayyadamoo kan taasiisu ta’uu eeraniiru.
Kana dura Tiraakteroonni Inistiityuutii Ce’umsa Qonna Itiyoophiyaa fi dhaabbilee deeggartootaa irraa argaman 125 qonnaan bultootaaf raabsamuu dubbataniiru.
Tiraakteroonni har’a godinaaleef raabsaman kallattiin hojiirra akka oolan ni taasiifama jechuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia