Fana: At a Speed of Life!

Tiraaktaroota 950 gara biyyaa imalchiisuun eegalame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Qonna Ammayyeessuuf meeshalee qonnaa ammayyaa qotee bulaan bitachuu akka danda’uu Tiraaktaroota 950 gara biyya keessaa galchuuf geejjibsiisuun eegalame.
Jilli hoggantoota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi miseensota boordii Dhaabbata Oomisha Meeshaalee Qonnaa Keenyaa Dooktar Girmaa Amanteetiin durfamu daawwanaa hojii biyya Hinditti geggeessaa ture milkaa’inaan xumuruun gara biyyaatti deebi’ee jira.
Jilli kun turtii hojii guyyoota sadiif biyya Hinditti taasiseen hogganttoota kaampaaniiwwan meeshaalee makaanaayizeshinii qonnnaa omishuudhaan beekaman “John Deer India ” fi “Field King” jedhaman waliin marii fi walii-galtee bu’a qabeessa ta’e geggeessuu ibsameera.
Kaampaanii John Deer irraa bara kana traaktaroota ammayyaa 950 bituun biyya keessatti walitti hidhuun qonnaan bultoota biraan ga’uuf waliigalteen raaawwatamuun isaa ni yaadatama.
Tiraaktaroota kana keessa 300 kan abbaa humna fardaa 75 John deer India-n oomishame gara biyyaatti geejjibsiisuu ifatti eegalamee jira.
Dabalataanis, Kaampaanii Field King jedhamu Dhaabbata Oomisha Meeshaalee Qonnaa Keenyaa waliin hojjechuuf walii galteen mallataa’ee jira.
Dhaabbatni Field King jedhamu meeshaalee Tiraaktroota 950tti hidhaman (Accessories) dhiyeessuuf, deeggersa leenjii itti fayyadama meeshaalee qonnaa ammayyaa qonnaan bultootaa fi teeknishaanotaaf kennuuf waliigalameera.
Dhaabbata Oomisha Meeshaalee Qonnaa Keenyaa waliin michuumaa addaatiin waliin hojjechuun cinatti waarshaa meeshaalee qonnaa ammayyaa Ityoophiyaa keessatti waliin banuuf waliigalteerra ga’ameera.
Qonnaan bultoota Oromiyaa keessa jiraniif meeshalee qonnaa ammayyaa dhiyeessuun dame qonnaa ammayyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Akka Biiroon dhimmoota komiiniikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa beeksiiseetti Tiraaktaroota 950 al tokkotto qonnaan bultootaaf biyya keessa galchuun isa jalqabaati.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf; Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.