Fana: At a Speed of Life!

Tilmaamni gatii simmiintoo haaraan ba’e

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Qaala’iinsa gatii simmiintoo ittisuuf tilmaamni gatii oomisha simmintoo haaraan ba’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi gatii oomisha simmiintoo yeroo yeroon dabalaa dhufe qajeelchuuf adeemsa oomisha damechaarratti garee qorannoo gaggeessu hundesssuun tilmaama gatii haaraa baasuu eereera.

Haaluma kanaan tilmaamni gatii warshaalee simmintoorraa oomishinii ittiin ba’uu inni gadaanaan Birrii 510 fi saantima 40 yoo ta’u, gatiin gurgurtaa olaanaan Birrii 683 fi saantima 44 ta’eera.

Ministirri Ministeera Daldala fi Walitti Hidhamiinsa Gabaa Obbo Gabiramasqal Caalaa akka jedhanitti yero ammaa hanqinni oomishaa jiraachuurraan hojiilee mootummaaf dursi kennamaa jira.

Pirojektoonni biroon ammoo dhaabbata mootummaa dhimmichi ilaallaturraa waraqaa deeggarsaa dhiyeeffachuun kallattiin warshaaleerraa oomisha argachuu akkataa danda’an mijachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.