Fana: At a Speed of Life!

TikTok uggura Traamp irratti tarkaanfi seeraa fudhachuufi

Finfinnee, Hagayya 17, 2012 (FBC) – TikTok uggura preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp irratti tarkaanfi seeraa akka fudhatu beeksise.

TikTok kan Dhaabbata Chaayinaa ‘ByteDance’ jedhamuu viidiyoon gababa ittiin qoodamuudha.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhaabbatichi Ameerikaatti akka hin hojjenneef uggurani turan.

Uggurri Traamp bittaan dhaabbata Chaayinaa ‘ByteDance’ waliin taasifamuu baatii Fulbaanaa walakeessarraa jalqabee ni dhoorka.

Aanga’oonni Waashingitanitti argamanis dhaabbatichi karaa fayyadamtoota Ameerikaatin odeeffannoowwan mootumma Chaayinaaf dabarsuu danda’u sodaa jedhu qabu.

Kanafiis dubbi himaan dhaabbaticha olaantummaan seeraa kabachiisuuf ajaja preezdaanticha dhaabuuf gara mana murtiitti dhiyyeessina jedhaniiru.

Tarkaanfiin TikTokiis torbee kana keessa ni eegalaan eegama.

TikTokiin Ameerikaa keessaatti fayyadamtoota miiliyoona 80 qaba.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.