Tiikaad hariiroo Afrikaa Jaappaaniif murteessaa ta’uu isaan Itiyoophiyaan ni deeggarti – Dooktar Geediyoon
Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC) – Koonfiraansiin Idil Addunyaa Tookiyoo – Afrikaa (TICAD) hariiroo Afrikaa – Jaappaaniif murteessaa ta’uu isaan Itiyoophiyaan kan tumsiti jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Shiibaataa Hiiroonooriin waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon, hariiroon Itiyoophiyaa fi Jaappaan hariiroo jaarraa lakkoofsisee fi seenaa qabeessa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan tumsa Jaappaan waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsaniiru.
Jaappaan tumsa misooma Diinagdee fi Teeknikaa Itiyoophiyaaf taasiisaa turuu himaniiru.
Fooyyessi Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite Invastimantiif carraa kan uume ta’uu isaan abbootiin qabeenyaa Jaappaan haala mijataa jirutti akka fayyadaman gaafataniiru.
Hariiroo Itiyoophiyaa fi Jaappaan caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Shiibaataa Hiiroonooriin dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia