Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti nageenyi waaraan akka hin mirkanoofneef adeemsa farreen nageenyaa haalaan hubachuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Naannoo Tigraayitti nageenyi waaraan akka hin mirkanoofneef adeemsa farreen nageenyaa haalaan hubachuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay hubachiisan.

Naannichatti humnoonni farreen nageenyaa ajandaalee garagaraa uumuun halkanii guyyaa hojjetan jiraachuu kaasuun, humnoonni kunneen qaamolee garaagaraa waliin faayidaan walitti hidhachuun qabeenya saamaa jiraachuu eeraniiru.

Qaamoleen gurmaa’iinsa garaagaraa uumuun walitti bu’iinsa kakaasuuf akkasumas mootummaa diiguu barbaadan bal’inaan mul’achaa jiraachuus ibsaniiru.

Fedhiin dargaggoota naannichaa nageenya ta’uu kaasuun, uummanni hedduun nageenyaaf kan hojjetu taanaan gareen muraasni nageenya naannichaa booressuuf carraa kan hin qabne ta’uu eeraniiru.

Uummanni adeemsa humnoota farreen nageenyaa waan hubateef akkasumas humnoota farreen nageenyaa kanaaf obsa isaa waan fixateef walitti bu’iinsi ni uumama amantaa jedhu hin qabu jedhaniiru.

Humnoota badii adda baasanii beekuun barbaachisaa ta’uu kan yaadachiisan Dooktar Abrahaam, uummanni naannichaa  haalakana  sirriin ibsaa jiraachuufi mootummaan federaalaa furmaata akka itti laatu gaafachuu kaasaniiru.

Mootummaan naannichaa haalota jiran tasagabbeessuu akka qabu eeruun, ajandaaleen mootummaa naannichaan ol ta’an yoo uumaman waloon furmaanni kan itti kennamu ta’uu dubbataniiru.

Sochii uummanni Tigraay nageenyaaf taasisaa jiru uummanni Itiyoophiyaa hundi akka deeggaran gaafataniiru.

Hayilamaariyaam Taganyitu qindeesse.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.