Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti barnoota eegaluuf marii fi daawwannaan taasifame

Finfinnee, Mudde 28, 2015(FBC)- Ogeeyyii olaanoon Ministeera Barnootaa Naannoo Tigraayitti haalota barnoota eegalchiisuun danda’amurratti marii fi daawwannaan taasifame.

Garechi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa godinaalee giddugalaa, Kaabaa fi Lixatti akkasumas Yuunivasiitii Aksum jalatti kan argaman kaampaasota Shiree fi Adwa daawwataniiru.

Haaluma kanaan godinaalee kanneenitti barnoota eegalchiisuuf haalota mijatoo jiranii fi haalaa manneen barnootaa irratti hoggantootaa fi ogeeyyii barnootaa waliin mari’achuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoonni manneen barnootaa, ittaantonnii fi suupparvaayizaroonni akkasumas hoggantoota yuunivarsiitii waliin marii gaggeeffameen barnoota eegaluun akka danda’amu eerameera.

Manneen barnootaa fi yuunivarsitiiwwaniirratti saamichi gaggeeffamuu fi manneen barnootaa bakka qubannaa buqqaatotaa ta’uu fi gufuulee biroon jiraatanille barnoota eegaluuf fedhii olaanaan akka jiru ibsameera.

Galteewwan bu’uuraa biroon yeroo gabaabaa keessatti guutamanii barnooti addaan cite eegaluun akka barbaachisu daawwannicharratti waliigateerra ga’amuun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.