Fana: At a Speed of Life!

Tigraayitti baatiiwwan 2 darbanitti haalli nageenyaa fooyya’uufi hojiin bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuu hojjetamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 19, 2015(FBC)- Naannoo Tigraayitti baatiiwwan lamaan darban haalli nageenyaa fooyya’uufi hojiin bu’uuraalee misoomaa deebisanii dhaabuu kan itti hojjetame ta’uu godina Kaaba Lixa Tigraayitti qindeessaan hojiilee mootummaa federaalaa Eeliyaas Shikuur ibsan.

Hojiileen hawaasa qindeessuun hojjetaman bu’aa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru.

Jiraattonni magaalaa Shiree bu’aalee marii nageenyaa irratti mari’achaa jiru.

Naannichatti bakkeewwan garaagaraatti nageenyi akka tasgabbaa’uu, dhaabbileen fayyaa tajaajila kennuu akka eegalaniif, hojiileen deeggarsa namoomaa akka cimanii itti fufaniif, dhaabbileen hawaasummaa gara hojiitti akka deebi’aniif mootummaa federaalaan hojiileen hojjetamuu addeessaniiru.

Lammiileen kuma 12 ta’an gara qe’eefi sochii idileesaaniitti deebi’uu kaasaniiru.

Qindeessummaa mootummaan hospitaalonni hojii dhaabanii turan 9fi dhaabbileen fayyaa 13 gara hojiitti deebi’uu himaniiru.

Konkolaattonni 181 meeshaalee deeggarsa namoomaa fe’uun gara godinichaa galuufi tajaajila geejjibaa dabalatee tajaajiloonni biroon yeroo dhiyoo keessatti kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Hirphoo Shiboo, Afawarq Iyyaayyuufi Layikun Alamtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.