Fana: At a Speed of Life!

Tewoodiroos Adihaanoom ABUT’f sagalee ta’uun hojjechaa tureera-Gaazexeessaa Alistar Toomsan

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) – Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Tewoodiroos Adihaanoom garee shororkeessaa ABUT’f afaan ta’uun waraana odeeffannoo hogganaa turuu Gaazexeessaan Lammii Niwuziilaandi Alistar Toomsan ibse.

Alistar Toomsan hundeessa Miidiyaa “SCOOP” jedhamuu yoo ta’u, turtii FBC waliin taasiseen, gareen shororkeessaa ABUT bara Faranjootaa Hagayya 25, 2020 waraana yeroo bane eegalee Tewoodiroos Adihaanoom gaazexeessitoota waamuun kallattiin dhimma Tigiraay irratti ibsa kennaa turuu kaaseera.

Waashiingitanirratti rippoortarrii tokko ABUT’n ilaalchsee gaaffii dhiyaasseef deebii wayita kennan, Tigiraayitti maatii isaaf maallaqa erguuf barbaadee quunnamuu akka hindandeenye dubbachuu gaazexeessichi yaadachiiseera.

Yeroositti Tewoodiroos gaaffii gaafatameef deebiin deebise sirrii akka hintaane ibseera.

Sabaabni isaas jedhan Alistar Toomsan, “Tewoodiroos Adihaanoom, qajeelfama namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii “Bilisaa” fi “Walaba” jedhu cabseera” jedha.

Wayita naamusni kunneen caban Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kanneen biroorratti tarkaanfii akka fudhata kan jedhuu gaazexeessichi Tewodiroosirratti wayiita hojiirraa oolu garuu kan mul’anne ta’uu himeera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Naannoo Amaaraa fi Afaaritti damee fayyaan mancaatii mudatee fi hanqinaalee tajaajiloota dhiyaataanii galmeessuun gabaasaa dhiyeessuuf tattaaffii taasisamu daayrekterichi balleessuuf waan hedduu raawwachuu ragaaleen jiraachuu eereera.

Shororkeessaan ABUT daa’imaan waraanaaf hiriirsuu qofaa utuu hintaane naannolee Amaaraa fi Afaaritti gareechaan akka ajjeefamanii fi gudeedaman sababa ta’uu ibsameera.

Haalota kanneen keessatti Dhaabbanni Mootummootaa Gamtoomanii homaa hindubbannee kan jedhu Alistar, yakka suukanneessaa raawwatameef Tewoodiroos itti gaafatamaa ta’uu akka qabu yaadachiiseera.

Tewoodiroos Adihaanoom, yeroo maraa miseensa ABUT ta’ee turuun ammas ta’e jiraachuun beekamadha jedha.

Alamaayyoo Garramuu fi Wandasan Araggaahaanyitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.