Fana: At a Speed of Life!

Teessumni lafaa Geedee’oo ‘UNESCO’tti galmaa’e

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)- Godinaa Geedee’ootti kan argamu teessumni lafaa aadaa Geedee’oo Dhaabbata Aadaa, Barnootaa fi Saayinsii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO)galmaa’e.

Teessumni lafaa Geedee’oo UNESCO’tti kan galmaa’e yaa’ii koree hambaalee Addunyaa 45ffaa Riyaaditti gaggeeffamaa jirurratti ta’uun ibsameera.

Yaa’icha irratti waa’ee teessuma lafaa Geede’oorratti ibsa kennamerratti bal’inaan erga mari’atameen booda akka galmaa’uu ragga’eera.

Godina Geedee’ootti kan argamu eegumsa lafaa, hambaalee seenaa, dhagaawwan umamaa, barreeffamaa holqa keessaa fi boosona aadaan hawaasa naannichaan kunuunfaman UNESCO’tti galmeessuuf tattaaffiin taasifamaa turuun kan yaadatamuudha.

Hambaaleen kunneen dhaabbatichatti galmaa’uun damee tuuriizimiin gumaacha olaanaa akka qabaatu eerameera.

Kunis hambaalee aadaa fi qabeenya uumamaa galmaa’an gara 10’tti kan guddisu yoo ta’u, Afrikaaf ammoo 100’ffaa ta’ee kan galmaa’e ta’uu ragaan Ministeera Tuuriizimiirraa argame ni mul’isa.

Teessumni lafaa Geedee’oo, kan Koonsoo erga galmaa’ee waggoota 12 booda hambaa addunyaa ta’ee har’a galmaa’eera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.