Fana: At a Speed of Life!

Teen Haag Yuunaayitiid waliin waliigaltee haaraa mallatteessan

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC) – Leenjisaan Maanchister Yuunaayitiid Eerik Teen Haag kilabicha waliin waliigaltee haaraa hanga bara 2026’tti turu mallatteessaniiru.

Teen Haag bara Faranjootaa 2022 Maanchiister Yuunaayitiid leenjisuu kan jalqaban yoo ta’u, waliigalteen isaanii bara Faranjootaa 2025 xumurama ture.

Lammiin Neezarlaandis Teen Haag, Maanchiister Yuunaayitiid waliin waggoota lama keessatti waancaa lama mo’ataniiru.

Kilabicha waliin hojjechuuf ammas waliigaluu keenyatti hedduu gammadeeraj edhan Teen Haag.

Yuunaayitdiin akka Ingilaanditti fi Awurooppaatti morkataa cimaa taasiisuuf murannoon kan hojjetan ta’uu ibsuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.