Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiin boba’aa salphaatti oomishuuf tumsu barattootaan kalaqame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Inistitiyuutii Teeknooloojii Yuunivarsiitii Jimmaatti barattoonni eebbifamtoota Muummee Mahaandisummaa Makaanikaalaa bara 2014 maashina boba’aa oomishu kalaqaniiru.

Oomishni boba’aa galteewwan irraa qophaa’uu keessaa pilaastika tajaajilan walitti qabuun ho’aan adeemsa Paayirooliisiis jedhamuun boba’aa oomishuun danda’ameera.

Teeknoolojiin kun hanqina boba’aa biyyattiin qabdu hambisuuf kan gumaachu ta’uurra darbee, maashiniin kun salphaatti bakkaa bakkatti socho’uun tajaajila kenna jedhameera.

Yaalii hanga ammaatti taasifameen sa’aatiitti pilaastika kiiloogiraama sadii fayyadamuun boba’aa liitira lama oomishuun dandamuu eerameera.

Fuulduratti bal’inaan yoo hojjetame boba’aa liitira hedduu oomishuun akka danda’amu barattoonni eebbifamtoonni maashinicha kalaqan ibsaniiru.

Pilaastika naannawaa faalan fayyadamuun tajaajilaaf oolchuun miidhagina naannawaaf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Oomshni boba’aa kunis jenereetaraaf, konkolaattotaa fi tajaajilaa mana keessaf bu’aa qabeessa ta’uun himameera.

Gorsaan Garee Proojektichaa Muummee Mahaandisummaa Makaanikaalaa Inistitiyuutii Teeknooloojii Yuuunivarsitii Jimmaa Barsisaa Abrahaa Kahaasaay, tattaaffii barattootaa dinqisiifachuun, yunivarsiistichi deeggarsa barbaachisaa taasisaa turuu eeran.

Proojektiin kun bu’aa barbaadame akka fiduuf deeggarsa barbaachisa taasisuun kan itti fufu ta’uu ragaan inistitiyuuticharraa argame ni mul’isa.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.