Tattamsa’inni Vaayrasii koroonaa dabalaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise
Finfinnee, Bitootessa 14, 2013 (FBC) – Tattamsa’inni Vaayrasii koroonaa dabalaa waan jiruuf hawaasni ofeeggannoo taasisuu akka qabu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taddasaa werarri vaayrasi koroona babalachu isaatiin lakkofsi namoota hedduu dhukkubsachuun bakka tursisa adda turan torbee darbe 460 gahe yeroo amma 600 olirra gahu himaniiiru.
Akkasumaas namooni 119 torban gidduutti du’aniru.
Wayita ammaa dhukkubichi magaalaa Finfinnetti hammaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mmagaaloota naannooleettis babal’achaa jirachuun yaaddoo uumeeras jedhaniiru.
Meeshaan oksijiini qilleensa kennuun dhukkubasatoota deeggeru jiran baayisuuf dirqamu keenyaan kanneen midhaman suphu fi haaraa bituun lakkofsasaa baay’isuuf hojjacha jira jedhaniru.
Maaski fuula keewwachuun yeroo kaminu caala murteessaa ta’eera kan jedhan Dookatra liyaan, bakka cidhaa, bo’ichaa,manneen amantaafi bakka uummanni baayyatutti maski fuula malee soch’un mulacha jiru nuu yaadeessu isaatiin, poolisi fedeeraalaa walin ta’un seera gama kanaan jiru hojiirra ni olchina jedhaniru.
Itti Aanaa Komishinari Komishini Federaala Malaaku Faantaa, gama isaanitiin kanaan dura seeroota ittisa weerara vaayirasi koroona hojiira olchuuf hojjecha kan ture, dhaabbilee Mootummaas ta’e bakka sochiin ummataa baayyatutti ammas weerarri vaayirasichaa hammaachaa deemuun walqabate qajeelfamoonni ofis ta’e uummata dhukkubichara eeguuf bahan akka hojiira olan hojii seera kabachiisu jalqabne qaamoolee seera walin qindoofne hojjechuuf qophoofneera jedhaaniru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.