Tattaaffii Lammiilee Saa’uud Arabiyaa gara biyyaa deebisuuf taasiifamu ni tumsina – Ambaasaaddar Fahiid Alhuumaayidaanii
Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) –Tattaaffii Lammiilee Ityoophiyaa Saa’uud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyyaa deebisuuf taasiifamu ni tumsina jedhan Ityoophiyaatti Ambaassaaddarri Saa’uud Arabiyaa Fahiid Alhuumaayidaaniin.
Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen Ambaasaaddar Fahiid Alhuumaayidaaniin waliin mari’ataniiru.
Hariiroon mootummaa fi ummaataa biyyoota lamaanii cimee itti fufuu akka qabu Dooktar Eergoogeen ibsaniiru.
Hojiilee ministeerichi harka qalleeyyii, maanguddootaa, dubartoota, daa’immaanii fi qaama miidhamtoota deeggaruuf taasiisaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Ambaasaaddar Fahiid Alhuumaayidaaniin gama isaaniin tumsii fi hariiroon biyyoota lamaanii bara dheeraa kan lakkoofsiise ta’uu kaasaniiru.
Hariiroo fi tumsa kana caalmaatti cimsuun guddina waloof oolchuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Lammiilee Ityoophiyaa eeyyama jireenyaa hin qabne gara biyyaa deebisuuf tattaaffii taasiifamu kan tumsanii fi qaama dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uu himuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.