Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii IGAD naannawichatti nageenya mirkaneessuuf taasisu biyyoonni miseensa isaa  deeggarsa taasisan cimsuu qabu- Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee

Finfinnee, Fulbaana 23, 2015 (FBC)- Tattaaffii IGAD naannawichatti nageenya mirkaneessuuf taasisu biyyoonni miseensa isaa deeggarsa taasisan cimsuu qabu jedhan Jibuutiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen.

Walgahiin Koree Ambaasaaddaroota IGAD 40ffaan Jibuutiitti gaggeeffameera.

Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeen walga’icharratti haala yeroo naannawichaarratti ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan tattaaffii naannawichatti nageenyi akka fooyya’uuf akkasumas faayidaan siyaasaafi diinagdee biyyoota naannawichaa akka kabajamu taasifamuuf gahee ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.

Biyyoonni miseensota dhaabbatichaas nageenyaafi tasgabbii naannawichaatti mirkaneessuuf tattaaffii  taasifamuuf deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan gaafachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Kana malees biyyoonni miseensota dhaabbatichaa tattaaffii rakkoolee namtolchee fi uumamaa wal tumsuun keessa darbuuf taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

IGAD fuulduratti nageenyafi tasgabbii mirkaneessuu, tumsa diinagdee, jijjiirama qabeenya qilleensaafi dhimmoota biroorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu eeraniiru.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dooktar Warqinaa Gabayyoon gamasaaniin, deeggarsaafi tumsa biyyoonni miseensotaa dhaabbatichaaf taasisan dinqisiifataniiru.

Rakkoolee gara fuula duraatti uumamuu malandandamachuuf biyyoonni miseensonni deeggarsa taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.