Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’inni Dhibee Busaa fi Koleeraa dabalaa jira- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Tatamsa’inni Dhibee Busaa fi Koleeraa dabalaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Tatamsa’inni dhibee Busaa fi Koleeraa haalaan babal’achaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan turtii Faanaa Biroodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Tatamsa’inichi sadarkaa idil Addunyaattis dabalaa jiraachuu Dooktar Darajjeen eeraniiru.

Kan bara darbeerra lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii barana miiliyoona 15 dabaluu himaniiru.

Waqtii Gannaan wal walqabatee dhibeen kunneen babal’achaa dhufuu kaasaniiru.

Rakkoon nageenyaas tatamsa’ina dhibichaaf sababa olaanaa ta’uu himaniiru.

Dhibeen Koleeraa naannolee 5 keessatti mul’achuu eeruun, naannoo Oromiyaa, Somaalee fi Sidaamaatti weeraricha to’achuun danda’amuu dubbataniiru.

Hanga ammaatti talaalliin miiliyoonni 2 ol laatamuu eeraniiru.

Iddoolee namoonni buqqa’an qubatanitti weerarichi akka hin hammaanne xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.