Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’ina Vaayirasii Koroonaa ittisuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru cinaatti ummanni of eeguu qaban – Afyaa’ii caffee Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 9,  2012 (FBC) –  Afyaa’iin Caffee Mootummaa naannoo Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii koroonaa ittisuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru cinaatti ummanni of eeguu akka qabu dhaaman.

Vaayrasii Koroonaa (COVID – 19) biyyoota addunyaa hedduu miidhaa jiru  kana ittisuuf ummanni gorsaa fi odeeffannoo wayitaawaa mootummaa, dhaabbilee fayyaa fi ogeeyyiin fayyaan kennaman hordofuun of eeggannoo barbaachisu taasisuu akka qabu Afyaa’iin caffee Oromiyaa aadde Loomii Badhoo dhaamaniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa, ummata naannichaa dhibicharraa baraaruuf  tarkaanfiwwan qabatamaa fudhachuu eegaleera jedhan.

Haa ta’uutii  sosochii mootummaa fi dhaabbileen fayyaa taasisan cinaatti, of eeggannoon dhuunfaa daraan murteessaa ta’uu himaniiru.

Aadde Loomiin tatamsa’ina Vaayiraasii kanaa hir’isuuf of eeggannoon dhuunfaa fi maatii godhamu shooraa olaanaa akka qabaatu ibsuu isaanii ragaan Caffee mootummaa naannoo Oromiyaarra argame ni muul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.