Fana: At a Speed of Life!

Tarminaalli kontiinarii Buufata Barbaraa marsaan jalqabaa hojii eegale

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Tarminaalli kontiinarii Buufata Barbaraa marsaan jalqabaa ifatti hojii eegaluu ibsame.
Tarminaalli kontiinarii Buufata Barbaraa marsaan jalqabaa bakkaa Preezdaantiin Soomaaliilaand Muusaa Biihii, Jilli olaanoon Ityoophiyaa fi Daayreekatarri Diippii Worlid Suulxaan Sulaymaan argamani ifatti hojii eegaleera.
Tarminaalli kontinarii marsaa jalqabaa kun % 51 Diippii Worlid, %30 Soomaaliilaandii fi % 19 sheerii Ityoophiyaa yoo ta’u Kontiinaroota kuma 5 qabachuu dana’a jedhame.
Waggaatti Kontiinaroota miiliyoona 1 keessummeessuu danda’a jedhameera.
Buufatichi Kireenoota ammayyaa kan fayyadamu yoo ta’uu, guyyaa har’aa eegalee Dooniwwan gurguddoo keessummeessuu danda’a jedhame.
Ityoophiyaaf faayidaa olaanaa qabaachuus himamera.
Buufannii Barbaraa kun har’a Kontiinaroota gara Finfinnee imalan Doonirraa buusuun ifatti hojii eegaluu ragaan Miidiyaa naannoo Soomaaleerraa argame ni agarsiisan.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.