Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfilee haaraan qonna irratti jalqabaman, jijjiirama seektara qonnaa keessatti gumaacha olaanaa bahan – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Tarkaanfilee haaraanqonna irratti jalqabaman, jijjiirama seektara qonnaa keessatti dhufeef gumaacha olaanaa ba’uu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Inisheetiiviiwwan qonnaa ka’uumsaaf ta’aan 8 jalqabsiisnee keessaa Inisheetiiviin qonna Avokaadoo isa tokko yoo ta’u, sanyii biqiltuu filatamaa al-ergiif oolu hanga bara 2010’tti biyya alaa irraa galaa turee bara 2011 irraa jalqabee biyya keessatti madaqsuun, yeroo ammaa lafa hektaara kuma 10 fi 713 ol kilaastaroota sanyii biqiltuu al-ergiif ooluun uwwisuun danda’ameera.

Bara kana oomisha Avokaadoo toonii kuma 1 fi 900 akka argamu kan eegnufi kana keessaa toonii kuma 1 ol gabaa alaatiif kan dhiyeessinu ta’a.

Kana dura uwwisni biqiltuu Avookaadoo naannoo keenyaa waggoota dheeraadhaaf heektaara kuma 6 qofa ture. Bara kanas lafa heektaara kuma 6 fi 180 Avokaadoo al-ergiitiin uwwisuuf karoorfamee, sanyiin miiliyoona 2 ol kan qophaa’e yoo ta’u, hanga ammaatti lafa hektaara Kuma 1 olirratti biqiltuu Avokaadoo sanyii filatamaa kuma 300 ol dhaabun danda’ameera.

Bara 2016’ttis dachaa afuriin dabaluun biqiltuu sanyii filatamaa miiliyoo 9 ol, lafa hektaara kuma 25 irratti dhaabuuf karoorfamee jira.

Oomishtoonni, ogeeyyin qonnaa, dhaabbileen qorannoo qonnaa, hooggansi sadarkaan jirtaniifi qooda fudhattoonni marri, xiyyeeffannoo itti laatudhaan milkaa’ina karoorichaafi fayyadamummaa hawaasa keenyaa cinaa akka hiriirtan maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha isinii dhiyeessa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.