Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin sirreeffamaa miidiyaalee odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti fudhatamu cimee itti fufa- obbo Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Sadaasa 13, 2014 (FBC) – Tarkaanfiin sirreeffamaa miidiyaalee odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti fudhatamu cimee kan  itti fufu ta’uu Daayreektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Ityoophiyaa keessa miidiyaan afaanota idil addunyaa garaagaraan dhugaa Ityoophiyaa hawaasa idil addunyaan ga’u jiraachuu dhabuun addunyaan dhugaa Ityoophiyaa akka hin hubanne taasisuu ibsaniiru.

Daayreektarichi turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin, miidiyaaleen biyyoota lixxaa tokko tokko duula birmadummaa ilaalchisee gabaasa madaala isaa hin eegne tamsaasaa turuu ibsaniiru.

Miidiyaaleen kunneen fedhii siyaasaa mataasaanii guuttachuuf karaa qindaa’aa ta’een gabaasa sobaa tamsaasaa turuu kaasaniiru.

Kanarraa ka’uun Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa miidiyaalee lixaa seeraa fi danbii Abbaa taayitichaan ala gabaasaa turaniif xaalayaa akkeekkachiisaa barreessuu yaadachiisaniiru.

Gara fuulduraattis dhaabbilee miidiyaa odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.