Tarkaanfiin shaneerratti fudhatamaa jiru cimee itti fufuu Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisaa duulicha hogganaan dubbatan
Finfinnee, Mudde 25, 2015(FBC)- Kibba Naannoo Oromiyaa fi naannawaa daangessanitti Raayyaan Ittisaa Biyyaa bobba’e gandoota garee shororkeessaa shanee jala turan gadi lakkisiisuu Qondaaltonni Olaanoo Raayyaa Ittisaa duulicha hogganan dubbatan.
Qondaalli Raayyaa Ittisaa duulicha hogganan akka jedhanitti, miidhaa gareen shororkeessaa shanee ummataa Naannoo Oromiyyaarraan ga’u dhaabuu fi naannawaa tasgabbaa’aa uumuuf hojjechaa jira.
Qaama duula garee shororkeessaa shanee dhabamsiisuu kan ta’e Kibba Naannoo Oromiyaa fi naannawaa daangessanitti, Raayyaan Ittisaa bobba’e gandoota hedduu shanee jala turan gadi lakkisiisuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.
Kibba Naannoo Oromiyaatti kan argaman Godinaalee Gujii Bahaa fi Lixaa akkasumas Boorana giddugaleeffate kan socho’u Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama milkaa’aa gaggeessaa akka jiru qondaaltonni olaanoon kunneen mirkaneessaniiru.
Raayyaan Ittisaa duula qorannoorratti hunda’e gaggeesseen qabiyyee shanee jala kan turan gandoota torba walaboomsuu akka danda’e dubbataniiru.
Hoggansi Gujii Bahaa akka ibsanitti, diina biyyaa kan ta’e shanee dhabamsiisuun hawaasa yaaddoo nageenyaa keessaa baasuuf akkuma Raayyaa Ittisaa hawaasni duulicha adda durummaan dursuu akka qaba.
Tooftaa burjaajessaa faayida ummataafan dhaabbadha jedhuun rakkoolee hedduuf kan hawaasa saaxile shanee, naannawichaa dhabamsiisuuf qabsoo taasifamu keessatti gumaacha isaan irraa eegamu akka taasisan jiraattonni dubbataniiru.
Duulli eegalame, naannawichatti kan argamu garee shororkeessaa shanee dhabamsiisuun naannawaa tasgabbaa’aa uumuurratti kan xiyyeeffate ta’uun eeramera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.