Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin omisha Ruuziin fedhii biyya keessaa guutuu bu’aa qabeessa ta’eera-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)-Omisha ruuziin fedhii biyya keessaa guutuuf tarkaanfiin eegalame bu’aa qabeessa ta’aa dhufuu Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantiin Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Qondaaltonni Olaanoo Sadarkaa Federaalaa Naannoo Somaalee Godina Shabalee Aanaa Beer Aanootti Ruuzii jallisiin misoomuun walitti qabamaa jiru daawwataniiru.
Obbo Adam Faaraah gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, oomisha Ruuziin fedhii biyya keessaa guutuu eegaluuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa qabeessa ta’aa jiru jedhaniiru.
Sirna dinagdee damdaneessan guddina diinagde biyyattiif gumaacha olaanaa taasisuu fi naannawaalee horsiisee bultummaan beekamanitti hojiileen qonnaa bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuus kaasaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.