Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin Lammiileen alaa biyya gadhiisanii akka bahaniif fudhatame seera kabachiisuu fi warreen biroofis barumsa kan ta’udha- Ambasaaddar Diinaa Muftii

Finfinnee, Fulbaana 21, 2014 (FBC)- Tarkaanfiin Lammiileen alaa biyya gadhiisanii akka bahaniif fudhatame seera kabachiisuu fi warreen biroofis barumsa kan ta’udha jedhan Dubbi Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii.

Tarkaanfiin namoota dhaabbilee idil addunyaa keessatti bobba’anii fi kaayyoo isaaniin ala dhimma faayidaa Ityoophiyaa miidhu irratti hirmaataan 7 irratti fudhatame seera kabachiisuufi warreen biroofis barumsa kan kennu ta’uu Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.

Namoonni sa’aatii 72 keessatti biyya gadhiisanii akka bahaniif ajajaman kunneen itti gaafatamummaa kennameefiin ala socho’aa turuu fi hojii seeraan alaarratti bobba’anii argamuu ibsaniiru.

Dhaabbilee miti mootummas ta’e dhuunfaa kamiyyuu wayita gara biyyaa seenan eeyyama kan qabanii fi hojii isaaniis kan hojjetan eeyyamaan ta’uu Ambaasaddar Diinaan himaniiru.

Dhaabbaannis ta’e namni dhuunfaa kamiyyuu eeyyama kennameefiin ala yoo socho’e seeraan ala akka ta’ee fi namoonni kunneen biyya gadhiisanii akka bahan kan ajajaman kana waan raawwataniif ta’uu EBCn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.