Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii mootummaan federaalaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu nan deeggara-MNO

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Tarkaanfii mootummaan federaalaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu hundaaf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.

Gareen shoroorkeessaa ABUT gocha badii gara jabummaan guutame irraa of qusatee daandii nagaatti yoo deebi’uu baate tarkaanfii mootummaan federaalaa dirqama nagaafi tasgabbii lammilee mirkaneessuuf akkasumas tokkummaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu hunda Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa ta’e kan kennu ta’uu ibseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala yeroo irratti ibsa baaseera. Guutuun ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Haala yeroo irratti ibsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname!

Humni shoroorkeessaa TPLF waggoottan aangoo irra turetti tokkummaa biyyaa diiguu, ummattoota wal nyaachisuuf shira hin xaxne, summii jibbinsaa inni hin facaasne hin turre. Ergama diinota biyya keenyaa galmaan gahuuf ummattoota Itoophiyaa sabaafi amantaan qoqqoodee wal nyaachisaa tureera. Duudhaalee waloo tokkummaa biyyaa ta’an diiguuf tattaaffii inni taasise salphaa hin turre. Saamichi diinagdees akkanuma. Yakka seenaa keessatti dhiifama hin qabne Itoophiyaa irratti raawwate.

Hundaa ol ammoo seenessa diinummaa babal’isan diriirsuun Itoophiyaa akka salphaatti diiguuf akka isaa tolu ummattoota obbolaa waliin kufanii ka’anii Itoophiyaa ijaaran ummata Oromoofi Amaaraa ibiddaafi cidii walitti taasisuuf tarsiimoo boce.

Tokkoon dhiphaa, kaaniin ammoo oftuulaa jechuun moggaase. Saboota lameen gidduutti wal shakkii uumee qoqqoodee bulchuu akka tooftaatti dhimma itti bahuun kisaaraa isaanii keessatti bu’aa argachaa ture.

Kana qofa osoo hin taane humni shoroorkeessaa TPLF ummattoota Oromoofi Somaalee bara dheeraa Afaan, Aadaafi duudhaa waliin jireenyaa qooddatanii tokkumaan waliin jiraatan wal nyaachisuuf tooftaa boceen ummata Oromoo miiliyoona tokkoo ol ta’an jiruuf jireenya isaanii irraa buqqisuun hammeenya daangaa hin qabne mul’ise, tokkummaa biyyaas rakkoo irraa buusee ture.

Haa ta’u malee bu’uurri tokkummaa biyya keenyaa cimaa, akkasumas duudhaaleen waloo ummattoota Itoophiyaa jabaa waan ta’eef shira wayyaanee dandamatee, tooftaa qoqqoodanii bulchuu inni diriirse ofirraa darbuun samii Itoophiyaa jalatti bilisummaa, walqixxummaa obbolummaafi tokkummaa sabdabneessa dhugoomsuun danda’ameera.

Humni olaantummaa bare walqixxummaa akka cunqursaatti fudhata akka jedhamu, gareen shoroorkeessa TPLF walqixxummaa balfee Itoophiyaa diiguudhaaf dhaadate. Ergama diinota biyya keenyaa fudhachuun naannolee Amaaraafi Affaariin kallattiin weeraruun lubbuu namoota nagaa gaaga’e, miiliyoonota qe’ee isaanii irraa buqqise, qabeenya biiliyoona hedduutti tilmaamamu mancaase baandummaa isaa mirkaneesse.

Karaa Baha Itoophiyaa Al-shabaab waliin walitti hidhachuun, Oromiyaa keessatti garee shororkeessaa Shanee bobbaasuun, naannolee akka Benishaanguliifi Gaambeellaa keessatti fakkaattota isaa bobbaasuun Itoophiyaa nagaa dhorkuun adeemsa keessa ammoo diiguuf dhagaa hin fonqolchinefi boolli in hin qonne hin turre. Garuu duudhaan gootummaa waloo ummattoonni Itoophiyaa seenaa keessatti gabbifatan kaayyoo humna shoroorkeessaa TPLF qabatee ka’e fashaleesuu danda’eera.

Humni Shoroorkeessaa walitti bu’insaafi waraana malee jiraachuu hin dandeenye TPLF, waamicha waldhabdee karaa nagaan furuuf mootummaan federaalaa taasise cinatti dhiisee weeraraafi gochoota gara jabeenyaa naannolee Amaaraafi Affaar keessatti raawwachaa jiru Mootummaan Naannoo Oromiyaa cimsee balaaleffata. Ummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa akkuma kanaan duraa wareegama barbaachisaa ta’e kaffalanii birmadummaa biyyaa tiksan har’as ummattoota Amaaraafi Affaar waliin ta’uun wareegama hunda kaffaluun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qophii ta’uu ibsuu feena.

Hawaasni Idil-Addunyaas gocha humni shoroorkeessaa TPLF dambalii ummataa akka tooftaa waraanaatti dhimma bahaa jiru balaaleffachuu qofa osoo hin taane daandii nageenyaa Mootummaan Itoophiyaa dhiyesse akka fudhatu dhiibbaa barbaachisaa ta’e irraan gahuun gargaggoota Tigraay dhumaatii irraa baraaruu keessatti qooda isaanii akka taphatan waamicha dhiyessina.

Gareen shoroorkeessaa kun gocha badii gara jabummaan guutame irraa of qusatee daandii nagaatti yoo deebi’uu baate tarkaanfii mootummaan federaalaa dirqama nagaafi tasgabbii lammilee mirkaneessuuf akkasumas tokkummaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fudhatu hunda Mootummaan Naannoo Oromiyaa deeggarsa barbaachisaa ta’e kan kennu ta’uu irra deebiin ni ibsa.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Hagayya 22/2014

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.