Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii Ittisaa Kaaba Ityoophiyaatti fudhatamaa jiru ilaalchise ibsa laatame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC) – Tarkaanfii Ittisaa Kaaba Ityoophiyatati fudhatamaa jiru ilaalchise Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa laatera.

Gareen Shororkeessaa ABUT Hagayya 18, 2014 eegalee humna guutuun haleellaa banuu hordofee ibsa ba’e ta’uu yaadachiiseera.

Kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu gamtokkee mootummaan Ityoophiyaa taasiise kan cabse ta’uu eereera.

Gareen Shororkeessaa ABUT tattaaffii marii nageenyaa mootummaa cinaatti dhiisuun waggaa lama keessatti yeroo 3ffaaf gara walitti bu’iinsaatti seenuu himeera.

Haleellaan yeroo 3ffaaf bane kun marii nageenyaa karaa gamtaa Afrikaan taasiifamuuf Mootummaan iddoo kamittuu haal duree tokko balee mari’achuuf qophii ta’uu erga ibsee booda haleellaa baname akka ta’e ibseera.

Xaalayaan garichi qaamolee idil addunyaa garaagaraaf barreesse haleellaa banuuf fedhii qabaachuu ifatti kan agarsiisu ture.

Yaa ta’uutii miidhaa yeroo ammaa qaqqabe hundaaf kan itti gaafatamu ABUT ta’uu eereera.

Yeroo fi iddoo argannaan ammas haleellaa biroof karoora qabaachuu ibsi tibbana baase kan akeeku ta’uu himeera.

ABUT dandeettii isaa guutuun haleellaa banuun duraa naannawaa qilleensaa Ityoophiyaa diinota alaa Ityoophiyaan sarbisiisaa turuu yaadachiiseera.

Kanarraa ka’uun mootummaan Ityoophiyaa dirqama birmadummaafi bulchiinsa tokkummaa biyyattii eeguuf dirqamuu ibseera.

Tarkaanfiiwwan mootummaan Ityoophiyaa fudhatu kan barbaachise haleellaa irra deddeebiin garee shororkeessaa ABUTiin raawwatuun qofaaf osoo hin taane sababa garichi diinota seenaa biyyattii waliin qindaa’uun haleellaa raawwatuuf ta’uu eerameera.

Kanaaf birmadummaa fi tokkummaa bulchiinsa biyyaa kabachiisuuf mootummaan Ityoophiyaa buufataalee xiyyaaraa, dhaabbilee federaalaafi bu’uuralee misoomaa gurguddaa eeguuf kan dirqamu ta’uu eerameera.

Kunis naannawaa qilleensaa biyyattii haalaan kabachiisuun dirqama ta’uu ibseera.

Hojiileen kunneen hojjetamuun dhiyeessii deeggarsa namoomaa mootummaan lammiilee deeggarsa barbaadaniif taasisu ariifachiisuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

Gama tokkoon kaayyowwan kanneen hojiirra oolchaa gama kaaniin ammoo marii nageenyaa hoggansa Gamtaa Afrikaan taasifamuuf qophii ta’uu mootummaan irra deebiin kan mirkaneessuu ibsameera.

Nageenyi waaraan akka dhufuuf mariin roga maraa akka barbaachisu mootummaan kan amanu ta’uu ibsameera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa biyyattii hojiimaatilee fudhatama qabaniifi seera namoomaa idil addunyaaf kan bitamu ta’uusaa mootummaan ifoomsuu barbaada jedhameera.

Lammiileen nagaan akka hin miidhamneef waraanni magaalota keessatti akka hin gaggeeffamneef Raayyaan Ittisa Biyyaa of eeggannoo taasisaa jiraachuu ibsameera.

Kan hojiirra oolchuun akka danda’amuuf loltoota hundaaf qajeelfamni darbuu eerameera.

Kana malees bakkeewwan to’annoo mootummaa jala jiranitti deeggarsi namoomaa haala foyya’aa ta’een akka dhiyaatuufi nageenyi hojjettoota deeggarsa namoomaa dhiyeessanii akka eegamuuf mootummaan dhaabbilee deeggarsaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsichaan kaafameera.

ABUT lammiilee nagaa akka meeshaa waraanaatti,dhaabbilee siiviilii ammoo akka buufata loltootaatti fayyadamuun muuxannoo qabaachuu yaadachiiseera.

Yaa ta’uutii Ummannii fi hojjettoonni dhaabbilee deeggarsaa naannawaa dhaabbilee waraanaa ABUT irraa akka fagaatan mootummaan waamicha dhiyeessuu ibseera.

Miidhaa hojjettoota dhaabbilee deeggartootaa fi Siiviiliirra ga’eef mootummaan gaddi itti dhaga’amuu ibseera.

Miidhaan muudates kan qulqullaa’u ta’uu himeera.

Nageenya lammiilee naannoo Tigraay eeguuf dirqama heera Mootummaan itti laatame ba’uuf Mootummaan Ityoophiyaa qophummaa qabaachuu mirkaneessera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.