Fana: At a Speed of Life!

Tarbaayinoonni hojii eegaluun walitti hidhamiinsa naannawichaaf tattaaffii Itiyoophiyaa kan akeekudha jedhame

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)-Tarbaayinoonni Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa dabalataan hojii eegaluun tattaaffii Itiyoophiyaan naannawicha elektirikiin walitti hidhuu taasistuuf akeektuudha jedhan Mariisisaa Duraanii Hidhichaa fi Qorataan Qabeenya Bishaanii Faq Ahimad Nagaash.

Qoratichi, Tarbaayinoonni hidhichaa hunduu hanga ammaatti hojii eegaluu danda’uu utuu qabanii sababoota garagaraan akka hindandeenye ibsan.

Tarbaayinoota lamaan duraan hojii eegalan dabalatee tibbana kan hojii eegalan tarbaayinoonni lamaan dhiyeessii humnaa biyyattii dachaan akka fooyyessan ibsaniiru.

Dabalataan tattaaffii Itiyoophiyaan naannawicha humna elektirikiin walitti hidhuuf taasiftuuf akeektuu ta’uu ibsan.

Haaluma kanaan tarbaayinoota hafan hojii eegalchiisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu himuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

Tarbaaniyoonni 3ffaa fi 4ffaan hojii eegaluu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad tibbana ifoomsuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.