Fana: At a Speed of Life!

Tarbaayinoonni Hidha Haaromsaa 2 baatiwwan jalqabaa waggaa haaraatti humni maddasiisuu ni eegalu jedhame

Finfinnee, Qaammee 4, 2013 (FBC) -Tarbaayinoonni Hidha Haaromsaa 2 baatiwwan jalqabaa waggaa haaraatti humni maddasiisuu kan eegalan ta’uu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan ibsaniiru.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa yeroo rakkisaatti illee cimee itti fufuu isaan baatiwwan jalqabaa bara haaraatti tarbaayinoonni lama anniisaa maddisiisuu kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Hiyyummaa keessaa ba’uuf cimanii hojjechuu fi qabeenya uumamaa misoomsuun dirqama jedhan Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan.

Barri haaraan qormaata ce’een gara Badhaadhinaa fi nageenya waaraatti kan daddabarru ta’a jechuun ibsan.

Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan barri haaraan kan Badhaadhinaa, nageenyaa, Fayyaa fi jaalalaa ummata Ityoophiyaa maraaf akka ta’u hawwaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.