Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Baarseloonaan Baayern Muunik waliin taasiisuu ni eegama

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC) – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 3ffaa guyyaa 2ffaan taphni har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Baarseloonaan Baayern Muunik waliin taasiisuu hawwiin eegama.

Galgala sa’aatii 1:45 eegalee Atilaantaan – Seeltiik, Birasti -Baayervarkuusan waliin ni taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Atleetiikoo Maadriid – Liil, Beenefikaa – Feeyinuurd, Maanchiister Siitii – Ispaartaa Piraag, RB Leebziing Liiverpuul waliin ni taphatu.

Akkasumas Reed Buul – Daayinaamoo Zaagreeb, Yaang Booyis – Inter Miilaan waliin ni falmatu.

Tapha eda taphatameen Riyaal Maadriid galchii 5 fi 2n Boorushiyaa Doortumand, AC Miilaan galchii 3 fi 1n Kilaba Biruuj, Arseenaal galchii 1 fi 0n Shaakaataar Doonesikii, Astoon Viilaan galchii 2 fi 0n Booloonyaa yoo injifatan, Juuventis Istuut gaartiin injifatameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.