Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 16ffaan taphni Maanchuwaal darbii hawwiin eegama
Finfinnee,Mudde 5, 2017 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 16ffaan har’aa eegaluun taphatamu.
Har’a waaree booda sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’uu, Arsenaal – Eevartan, Liiverpuul – Fuulhaam, Niwuukaasiil – Leesiister Siitii fi Woolviis – Ipisiwiich Taawwoon waliin yoo morkatan, halkan sa’aatii 2:30 eegalee Notiingihaam Forest – Astoon Viilaa waliin falmata.
Boru waaree booda sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Biraayitan -Kiristaal Paalaas waliin yoo falmatu, galgala sa’aatii 1:30 eegaalee falmiin Kilaboota Masaanuu magaalaa Maanchiisteer gidduutti taasiifamu xiyyeeffannoo argateera.
Tapha Maanchuwaal darbii kanaan Maanchiister Siitiin Istaadiyeemii Ithaaditti Maasaanuu isaa Maanchiister Yuunaayitiid keessummeessa.
Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 194 keessaa Maanchiister Yuunaayitiid yeroo 79 yoo injifatu, Maanchiister Siitiin si’a 61 injifachuun yeroo 54 ammoo qabxii qooddataniiru.
Halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Cheelsiin – Bireentifoord, Saawuuz hampitan – Tootenhaam keessummeesu.
Maddi: BBC Sport