Fana: At a Speed of Life!

Taphoota moo’anii darbuu waancaa Awurooppaan taphni har’a Faransaayii fi Beeljiyeem gidduutti taphatamu hawwiin eegama

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2016 (FBC) – Taphoota moo’anii darbuu waancaa Awurooppaa 17ffaa Jarmanitti gaggeeffamaa jiruun taphni har’a Faransaayii fi Beeljiyeem gidduutti taphatamu hawwiin eegama.
Har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee taphni Faransaayii fi Beeljiyeem gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera.
Tapha kana Faransaay injifachuu akka dandeessu xinxaaltoonni kubbaa miilaa xinxaala isaanii kaa’aniiru.
Biyyoonni lamaan tapha 75 waliin taphatan keessaa Faransaay yeroo 26 yoo injifattu, Beeljiyeem yeroo 30 injifachuun yeroo 19 ammoo qabxii qoodataniiru.
Akkasumas halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee taphni Poorchuugaal Islooveeniyaa waliin taasiiftu ni eegama.
Falmii kana Poorchugaal olaantummaan xumuruu akka dandeessu xinxaaltoonni kubbaa miilaa xinxaala isaanii kaa’aniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.