Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 4ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 4ffaan Jimmaa Abbaa Jifaar Dirree Dawaan injifatameera.
Taphoota priimeyar liigichaa torbee 4ffaa har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee gaggaaffameen Dirree Dawaan 2 fi 0 Jimmaa Abbaa Jifaar injifateera.
Aschaalaw Girmaa fi Jeeniiyaas Naanjoboo Dirree Dawaaf goolii tokko tokko lakkoofsisaniiru.
Taphoonni torbee 4ffaa liigichaa kan itti fufu yoo ta’u, boru waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee magaalaan Adaamaa Buna Sidaamaa waliin ni taphata.
Liigicha Qidduus Giyoorgisuu qabxii 9 dursaa kan jiru yoo ta’u,Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii tokkoon sadarkaa 12ffaarratti argama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.