Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 26ffan Bunni Ityoophiyaa milkaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimayer Liigii Ityoophiyaa torbee 26ffaa har’a waaree dura taphatameen Bunni Ityoophiyaa Magaalaa Adaamaa goolii 2 fi 1n injifateera.
Tapha Istaadiyeemii magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamaa jiruun Magaalaan Adaamaa hanga Boqonnaatti goolii Ammee Mahaammad galcheen dursaa turus, boqonnaa deebii gooliwwan Abbuubakar Naasir galche lamaan Bunni Ityoophiyaa injifateera.
Bunni Ityoophiyaa taphoota hanga ammaatti taphateen qabxiiwwan 40 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.