Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’a ni taphatamu

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’a taphoonni 7 ni gaggeeffamu.
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaa har’a galgala gaggeeffamu 7 keessaa taphni Baayermuunikiifi Baarseloonaa xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
Tapha kanaan Baayermuunik Saadiyoo Maanee fi Baarseloonaan Rooberti Leevaandoviskiif hojii manee iccitiin guutame kennanii gara dirree seenuun tilmaama tapha duraa argateera.
Leevaandoviskiin har’a galgala yeroo jalqabaaf faallaa kilaba isaa duraanii tahuun taphaaf yoo qophaa’u kun isa jalqabaati.
Baayermuunik tapha Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baarseloonaarratti rikoordii qaba.
Taphoota 13 waliin taphatan keessaa 9 injifate, 2 mo’ame, 2 qixa bahe.
Kan har’a galgalaa tapha boqonnaa biraati.
Tapha biroon Liveerpuul Ayaaksi waliin taphni taasisuus tapha laayyoo miti.
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa galgala kana beellamni qabameef 7 keessaa Ispoortiin CP vs Tootinhaam, Viktooriyaa Pilizeen vs Inteermiilaan waliin taphni taasisan galgala sa’atii 1:45’tti eegala.
Tapha Baayermuunikiifi Baarseloonaa dabalatee taphootni biroo 5 halkan sa’atii 4’tti eegalu.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.