Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni ramaddii 5ffaa gaggeeffaman qixa xumuraman

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)-Keessummeessummaa Kootdiivaariin tapha Waancaa Afrikaa 34ffaa gaggeeffamaa jiruun galgala kana taphoonni ramaddii 5ffaa gaggeeffaman galchii malee qixa xumuramaniiru.

Naamiibiyaan Maalii waliin Afrikaan Kibbaa Tuuniiziyaa waliin tapha taphataniin galchii malee walqixa 0 fi 0’n xumuraniiru.

Haaluma kanaan Maaliin qabxii 5’n, Afrikaan Kibbaa qabxii 4’n, akkasumas Naamiibiyaan qabxii 4’n gara tapha ittaanutti darbuu mirkaneeffataniiru.

Faallaa kanaan Tuuniiziyaan qabxii 2’n tapha Waancaa Afrikaan ala taateetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.