Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimaayer liigii Itiyoophiyaa adda citee ture boru ni eegala jedhame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimaayer liigii Itiyoophiyaa sababa taphoota idil addunyaan adda citee ture boru ni eegala jedhameera.

Taphoonni torbee 6ffaa baruu eegalee Istaadiyeemii Saayinsii fi Teeknooloojii Adamaatti kan itti fufu ta’uu eerameera.

Taphoonni kunnneen Suuppar Ispoortiin tamsaasa kallattii ni argatu jedhameera.

Boru sa’aatii 9:00 eegalee Dirre Dhawaan Walaayittaa Diichaa, Hambarichoo Duraameen Faasiil waliin ni taphatu.

Taphoota liigichaa hanga ammaatti taphatameen Qidduus Giyoorgisu qabxii 13 yoo dursu, Baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 11 sadarkaa 2ffaa fi Machaal qabxii 10n sadarkaa 3ffaarratti kan argaman ta’uu ragaan fuula piriimaayerliigicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.