Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 26ffaan Boruu eegalee ni taphatamu

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 26ffaan taphoonni Boru Maancheesteer Siitii fi Niwuukaastiil, Arsenaalii fi Boornimaawuz gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo argateera.

Boru waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Maanchiisteer Siitiin garaagarummaa qabxii Arsenaal waliin qabu dhiphisuuf falmiin Niwuukaastiil waliin taasiisu ni eegama.

Arsenaal ammoo dursummaa isaa cimsachuuf morkiin Boornimaawuz waliin galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Dabalataan boru sa’aatii 12:00 eegalee

Astoon Viilaa – Kiristaal Paalaas,

Biraayitaan – Weest Haam Yuunaayitiid,

Cheelsii – Liidis Yuunaayitiid,

Woolvarhampitoon – Tootanihaam waliin kan taphatan yoo ta’uu, galgala sa’aatii 2:30 irraa eegalee Saawuzhampitoon Leesisteer Siitii waliin kan morktu ta’a.

Taphni Dilbata galgala sa’aatii 12:30 irraa eegaluun Liivaar Puul Maanchiisteer Yuunaayitiid waliin taasiisus si’oominaan eegama jedhame.

Arsenaal liigicha qabxii 60 dursaa kan jiru yoo ta’u, Maanchiister Siitiin qabxii 55n itti aana.

Maddi:-BBC Sport

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.