Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 16ffaan boruu eegaluun ni taphatamu

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 16ffaan tapha boru Kiristaal Paalaas Liivar Puul waliin waaree booda sa’aatii 9:30 irraa jalqabuun taphataniin eegalama.

Sa’aatii 12:00 irraa jalqabee Biraayitan Barnileey, Maanchiisteer Yuunaayitiid Bornimaawuuz, Sheefiild Yuunaayitiid Bireentifoora waliin ni taphatu.

Galgala sa’aatii 2:30 eegalee taphni dursaan liigichaa Arsenaal Astoon Viillaa waliin Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Dilbata waaree booda sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Eevartan Cheelsii, Fuulhaam Weest Haam, Luutoo Taawoon Maanchiister Siitii waliin kan falmatan yoo ta’u, taphni galgala sa’aatii 1:30 irraa eegalee Tootanhaam Niiwuu Kaastiil waliin taphatan akkaan eegama.

Maddi:-BBC Sport

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.