Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni moo’atanii darbuu Waancaa Awurooppaa boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata dhufu eegala

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2016 (FBC) – Taphoonni moo’atanii darbuu Waancaa Awurooppaa 17ffaan boqonnaa guyyoota lamaa booda Sanbata dhufu eegala.

Tapha moo’atanii darbuu kanaan osoo hin eegamne marsaa kanaaf kan qaqqabde Joorjiyaan taatee addaa dorgimichaa jedhamteerti.

Tapha moo’atanii darbuu kanaan taphni Faransaayii fi Beeljiyeem waliin taasiisan tapha cimaa marsaa kanaa jedhameera.

Biyyoonni lamaan tuuta taphattoota ciccimoo addunyaa ta’aniis tapha ramaddii gaggeeffamaa turerratti ga’umsi mul’isan gadi aanaa ture.

Taphoonni moo’atanii darbuu kun Sanbata dhufu galgala sa’aatii 1:00 jalqabee tapha Siwiizarlaandii fi Xaaliyaaniin waliin taasiisaniin eegalama.

Halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee qopheessituun waancichaa Jarman Deenmaarki waliin falmatti.

Tapha ramaddii sadanuu injifachuun qabxii 9n marsaa kanaaf kan qaqqabde Ispeen Dilbata sa’aatii 4:00 irraa jalqabee taphni biyya xiqqoo osoo hin eegamne ga’umsa addaa agarsiisuun tapha moo’atanii darbuuf geesse Joorjiyaa waliin morkiin taasiiftu hawwiin eegama.

Joorjiyaa, Islooveeniyaa, Isloovaakiyaa, Roomaniyaa, Ostiriyaa fi Turki biyyoota osoo hin eegamne ga’umsa gaarii agarsiisaniidha.

Taphoota ramaddii gaggeeffamaa tureen biyyoonni 16 marsaa itti aanuuf yoo darban, biyyoonni 8 gara biyya isaanii gaggeeffamaniiru.

Taphoota 36 taphatameen galchiiwwan 82 galaniiru.

Beeljiyeemii fi Ingilaandi dorgomicharratti ga’umsa eegamee gadi agarsiisaan jedhamuun biyyoota qeeqamaa jiraniidha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.