Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni moo’anii darbuu Waancaa Awurooppaa har’aa eegaluun ni taphatamu

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2016 (FBC) – Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Awurooppaa17ffaan har’a taphoonni lama ni taphatamu.

Taphoonni moo’anii darbuu kun tapha har’a galgala sa’aatii 1:00 eegalee Siwiizarlaandi Xaaliyaanii waliin taasiiftuun eegalama.

Taphni kun injifannoo Xaaliyaaniin xumuramuu akka danda’uu xinxaaltoonni kubbaa miilaa xinxaala isaanii kaa’aniiru.

Halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee qopheessituun waancichaa Jarman falmiin Deenmaarki waliin taasiiftu ni eegama.

Jarman taphicha injifachuun tapha nuusa xumuraaf darbuu akka dandeessu xinxaaltoonni xinxaala isaanii kaa’aniiru

Taphoonni nuusa xumuraaf darbuuf taasiifamu kun har’aa eegaluun hanga Kibxataatti taphatamu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.